Fuula Miidiyaa Dijitaalaa keenya isa Sirrii

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Suuraa qindaa’een (Photoshop) dabalatee tooftaawwan garaagaraa fayyadamuun Odeeffannoo Faana Biroodkaastiingi Koorporeet fakkeessuun namoonni odeeffannoowwan sobaa fuulaa miidiyaalee dijitaalaa garaagaraan tamsaasaa jiraachuu dhaabbanni keenyaa hubateera.

Fuulli Miidiyaa Dijitaalaa Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet isa sirrii kan mirkaneessuu Asxaa Cuquliisa (Blue Badge) kan qabuudha.

Kanaan alatti fuullii miidiyaa dijitaalaa maqaa Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiin jiran kan sobaa ta’uu ibsuu jaallanna.

Hawaasnis kana hubachuun fuula miidiyaa hawaasummaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet isaa sirrii mallattoo sirrummaa (Verified) qabu adda baasuun odeeffannoowwan tamsaafaman eeggannoon akka ilaalu beeksisna.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet carraa kanaan odeeffannoowwan sobaa fuula miidiyaalee hawaasummaan tamsaafaman addaa baasuu fi mirkaneessuuf fuula “Dhugoomsa Ragaa” jedhuun hojii saaxiluu eegaluu ibsaa, odeeffannoowwan sirrii karaalee fuula miidiyaa dijitaalaa keenyaan armaan gadiin nu hordofaa:-

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Teelegiraama: https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii: fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision nu hordofaa!

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment