Furmaanni rakkoo Oromoo marii qofa ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 20, 2015 (FBC) – Waltajjiin rakkoo Oromoo mariin furuu irratti xiyyeeffate Finfinnee Hoteela Ilillitti taa’amaa jira.

Waltajjichi mata duree” Ijaarsa sirna tokkummaa Oromoofi Gabbisa Siyaasa Oromoo “ jedhuun taa’amaa kan jiru yoo ta’u, waltajjichis qindeessummaa Yuunivarsiitii Madda Walabuufi deeggarsa USAID’n akka qophaa’e himameera.

Waltajjii marii kanarrattis Dargaggoota godinaaleefi magaalota Oromiyaa hundarraa dhufan dabalatee, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivaarsiitii Madda Walaabuu Dooktar Ahimad Kadir kaayyoon marii kanaa rakkoo Oromoo marii qofan furuun akka danda’amu qabatamaan agarsiisuu ta’uu himuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment