Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) –Bu’urrii fi furmaanni rakkoo hundaa nageenya qofa ta’uu Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Qulqulluu Abunee Maatiiyaas ibsaniiru.
Yaa’iin waggaa quqlulluu Siinoodoosii gaggeeffamaa jira.
Baniinsa yaa’ichaarrattti haasawa kan taasiisan Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Qulqulluu Abunee Maatiyaas bu’urrii fi furmaanni rakkoo hundaa nageenya qofa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaas ta’ee Paartileen siyaasaa fi ummanni Ityoophiyaa hundi nageenya waaraa mirkaneessuuf ga’ee isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.
Biyyattiitti nageenyi waaraa mirkanaa’uu kan danda’u qaamni hundi garaagartee jiru mariin furuuf yoo walii galan qofa jedhaniiru.
Lammiilee kutaalee biyyattii garaagaraatti rakkoo keessa jiran yaa’ichi kadhannaan, araara buusuun, deeggarsa meeshaalee fi nyaataa taasiisuun cinaa isaanii akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ii waggaa Qulqulluu Siinoodoosii kanaratti Paatiriyaarikii Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Qulqulluu Abunee Maatiiyaas dabalatee Phaaphaasoonni kutaalee lallaba biyyattii hundi hirmaachaa jiru jedhame.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.