Fulbaana dhufurraa eegalee lakkoofsa saamuda qonnaa gaggeessuuf qophiin xumuramuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC)- Fulbaana 2017’rraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti lakkoofsa saamuda qonnaa gaggeessuuf qophiin xumuramuun ibsame.

Koreen olaanaan lakkoofsa saamuda qonnaa walga’ii jalqabaa gaggeesseera.

Lakkoofsi saamudaa qonnaa dameewwan qonnaa hundaatti gaggeeffamu kun biyyattiin qabeenyaa damichaan qabdu beekuuf akkasumaas qophii imaammataaf faayidaa olaanaa akka qabu eerameera.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan, lakkoofsichi naannolee biyyattii hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti akka gaggeeffamu dubbatan.

Lakkoofsi saamuda qonnaa waggoota 22’n dura gaggeeffamuu kaasanii, lakkoofsi gaggeeffamuuf jirus qabeenya beeyladaa fi qonnaa dabalatee qabeenyaa damee qonnaan jiru kan hammatu ta’uu ibsan.

Sadarkaa biyyaalessatti Fulbaana 2017 eegalee lakkoofsa gaggeeffamu haala kanaan duraarra bal’aa ta’een akka gaggeeffmuu himaniiru.

Lakkoofsichi waggaa tokkoof kan gaggeeffamuu fi kanaan dura kan hammatamanii hinturre jallisii bonaa, maaddii guutuu fi hojiilee qonnaa ammayyeessuun kan hammataman ta’uu eeran.

Ministirri Ministeera Qonna Dooktar Girmaa Amanteen gama isaaniin, lakkoofsichi damee qonnaa qofa utuu hintaane biyyattiif faayidaa olaanaa akka qabu dubbatan.

Dameen qonnaa diinagdee biyyatti keessaa harkaa tokko sadaffaa kan qooddatu ta’uu eeruun, damichaan jijjiiramoonni galmaa’an guddina biyyattiif gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Isataatistiksii Itiyoophiyaa Dooktar Bakar Shaalleen, lakkoofsicha gaggeessuuf qophiin xumuramaa jiraachuu dubbatan.

Hojichaaf, hojjettoonni kuma 62 ol akka hirmaatanis eeruu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment