Fooyyessi Diinagdee Gooroo gaaffii bara dheeraa al ergitootaa kan deebiseedha – Dooktar Kaasahuun Goofee

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) – Fooyyessi Diinagdee Gooroo gaaffii bara dheeraa al ergitootaa kan deebise ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsan.

Fooyyessichi damee Daldalaaf haala mijataa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Ministeerichi raawwii hojii bara 2016 fi karoora bara 2017 Daldala Alaa, akkasumas Wixinee qajeelfama midhaan Zayitaa fi Midhaan dheedhii qophaa’erratti ergitoota waliin marii taasiiseera.

Bara 2016 keessa Daldala Alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3.8 argamuu Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Oomishaa Ministeerichi hordoffii irratti taasisurratt galiin Doolaarri miiliyoonni 907 argamuu kaasaniiru.

Bara 2017 hudhaalee sirna daldalaa mudatan furuun karoora qabame milkeessuuf murannoon kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan ministeerichaa Aadde Yaasimiin Wahabirabiin ibsuu ragaan fuula Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment