Fooyyeessi Diinagdee Gooroorratti taasiifame Birmadummaa Baankootaa kan itti fufsiiseedha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC) – Fooyyeessi Diinagdee Gooroorratti taasiifame Birmadummaa Baankootaa kan itti fufsiise ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Diinagdeen Itiyoophiyaa cufaa ta’ee turuun qormaata keessatti akka kufnu nu taasiiseera jedhan ibsa kaleessa qaamolee garaagaraaf kennaniin.

Kunis Daldalli alaa sharafa alaa barbaadamu akka hin argamsiifne dhiibbaa uumuu fi oomishaaleen Itiyoophiyaan karaa seeran alaa akka bahan taasiisuu himaniiru.

Itiyoophiyaan hanga dandeettii ishee Invastimantii alaarraa fayyadamoo ta’uu hin dandeenye jedhan.

Gabaan seeraan alaa akka babal’atu taasiisuun qaala’iinsi gatii lammiileerratti dhiibbaa akka uumamu gochuu Dooktar Abiy dubbataniiru.

Sababa kanaan fooyyeessi diinagdee Gooroo taasiisame cabiinsa suphuun, kaka’umsi fooyya’aan akka uumamu kan taasiisu ta’uu himaniiru.

Keessattuu birmadummaa seektara Faayinaansii itti fufsiisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment