Fooyyeessi bulchiinsa Sharafa alaarratti taasiifame guddina dhaabbilee Faayinaansiif karra kan bane, tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC) – Fooyyeessi bulchiinsa Sharafa alaarratti Baankiin Biyyaalessaa taasise guddina dhaabbilee Faayinaansiif karra kan bane, tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsameera.

Fooyyessa imaammata diinagdee gooroo taasifame hodofuun fooyya’inisi sirna sharafa alaa irratti baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa taasise guddina dhaabbilee faayinaansiif balbala kan bane tarkaanfii murteessaa ta’uuhoggantoonni Baankiiwwan adda addaa ibsaniiru.

fooyyessi imaammata dinagdee gooroo irratti mootummaan taasise guddina dinagdee biyyaaf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Humna dorgumtummaa kan cimsuu fi sirna gabaa tasgabbii qabu uumuuf kan dandeesisu ta’uu eeraniiru.

Baankii Awaashitti ”Chiif tiraansifoormeeshin ofiisar” kan ta’an obbo Tamasgeen Bushaa; bara dhihoo as sirna faayinaanisii dijitalaa dabalatee jijjiramoota addaa addaa hojirra oolchuu himaniiru.

Mootummaan fooyyessa imaammata dinagdee gooroo hojiirra oolchuu isaa hordofee sirni sharafa alaa haala gabaa irratti hundaa’u hojiirra ooluun Baankiiwwan qofaaf osoo hin taane guddina dinagdee biyyaafis balbala kan bane tarkaanfii murteessadha jedhaniiru.

Baankii Amaaraatti ”Chiif ofiisaraa tarsimoo fi Innoveeshinii” kan ta’an Indaalish Waldamikaa’eel bu’uura fooyyessa dinagdee gooroon sirni sharafa alaa gabaa irratti hundaa’e hojiirra ooluun isaa indastirii baankiif carraa guddadha jedhan.

Hanga sirna sharafa alaa gabaadhaaf banaa taasisuun damee baankiirratti dorgomtummaan akka jiraatu taasisuu qofaa osoo hin taane invastimatii alaa kallattiin dhufu jajjabesuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Ahaaduu Baankiitti Ofiisara tarsimoo kan ta’an Fiqiruu Waldatinsaa’ee bu’uura fooyya’insa imaammata dinagdee gooroon baankiiwwan dorgomaa ta’uu isaanii itti fufsiisuuf hojii dandeesisu hojjechuu qabu jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment