Fooyya’iinsi Diinagdee biyya keessaa qormaatilee dandamachuun bu’aa galmeessuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Fooyya’iinsi Diinagdee biyya keessaa qormaatilee muudatan dandamachuun bu’aa galmeessuu ibsameera.
Mootummaan qormaatilee weerara Covid-19, walitti bu’iinsa, hongee fi qaala’iinsa jireenyaa waggoota sadan darban keessa mudate dandamachuun ajandaa riifoormii diinagdee biyya keessaa galmaan gahuurratti bu’aa abdachiisaa galmeessisuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.
Haalli rakkisaan turus waggoottaan darban guddina diinagdee itti fufsiisuuf sona Diinagdee maakroo tasgabbii qabu uumuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun carraa hojii uumuu, dhaabbilee misoomaa mootummaa keessatti fooyya’insa taasiisuun bu’aa galmeessuu fi Invastimantiif haala mijataa uumuurratti bu’aalee abdachiisaan muul’achuu eegaluu isaanii ibsaniiru.
Dhaabbileen deeggartoota misoomaa Piroojektoota Ityoophiyaa tumsuuf maallaqa arjooman dabalataan ajandaa fooyya’insa diinagdee biyya keessaa deeggaruuf maallaqa bara Faranjootaa 2020 waadaa galan keessaa Doolaara miiliyoona 7 Piroojektoota 12 hojjechuu isaanii Obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.
Fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa dhugoomsuuf deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa hanga ammaatti taasiisan galateeffataniiru.
Manni Maree tarast Fandii Riifoormii Diinagdee Biyya keessaa qindoomina Baankii Addunyaatiin hojiirra oolaa jiru, deeggarsa ogummaa 9, baajata doolaara miiliyoona 6.3n, bulchiinsa invastimantii mootummaa, bulchiinsa qabeenya mootummaa, riifoormii damee faayinaansii, fi dhaabbileen misoomaa mootummaa gara hojiitti akka galan murteessuu isaa ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment