Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC) – Fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa Ityoophiyaan eegalte gara Badhaadhinaatti kan fudhatu ta’uun Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zaahoo Zhiyuuwaan dubbatan.
Hundeeffama Riippaablikaanii Chaayinaa waggaa 72ffaa sababeeffachuun mariin Imbaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa viidiyoo Konferinsiin gaggeeffameera.
Marii kanarratti Preezdaantii FDRI duraanii Ambaasaaddar Dooktar Mulaatuu Tashoomaa dabalatee hoggantoonni Ministeera Alaa fi dhaabbilee biroo hirmaataniiru.
Jijjiirramni bu’uuraa taasiifamu tumsa Ityoo Chaayinaaf abdii haaraa banuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zaahoo Zhiyuuwaan ibsaniiru.
Chaayinaan yoomiyyuu Muul’ata waloo, Hirmaachisaa, Tumsaa fi nageenya amansiisaa idil addunyaaf kan hojjettu ta’uu eeraniiru.
Dhimma biyya tokkoo keessa seenuun qoqqoobbii kaa’uun, humna fayyadamuu fi giddugaltummaa dhimma keessoo biyya tokkoo Chaayinaan cimsitee kan mormitu ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee furachuuf dandeettii qabaachuu Chaayinaan ni amanti jedhan.
Tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa birmadummaa fi bilisummaa biyyaa eegsisuuf taasiifsu mootummaan Chaayinaa kan deeggaru ta’uu ibsuu isaanii ragan Ityoophiyaatti Imbaasii Chaayinaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.