Fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa qopheessuun Ityoophiyaan muuxxannoo gaarii qabdi  – Dooktar Iyyoob Takkaalinyi

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa qopheessuun Ityoophiyaan muuxxannoo gaarii agarsiisaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ibsaniiru.

Dooktar Iyyoob saaxilamummaa idaa waaraan furuuf hojmaata Faayinaansii hojiirra oolchuuf Fooramii 9ffaa Paarisitti qophaa’eerratti hirmaataniiru.

Ityoophiyaan fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa qopheessurratti milkaa’iina gaarii qabaachuu Dooktar Iyyoob fooramicharratti ibsaniiru.

Kunis hojmaata Faayiinaansii hojiirra oolchuu fi bulchiinsa Idaa Liqaaf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.

Ityoophiyaan saaxilamummaa liqaa hir’isuu fi diinagdee tasgabbaa’aa uumuuf karoora yeroo gabaabaa mootummaan baasee waliin walsimsiisuun liqaa ishii bu’uura bulchiinsa liqaa waliin akka madaaltu gaafatamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment