Fooyyaa’iinsa Dinagdee Gooroon Sagantaa Seeftineetii Misoomaawaa Baadiyyaaf xiyyeeffannaa olaanaan kennameera-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FBC)- Fooyyaa’iinsa Dinagdee Gooroon Sagantaa Seeftineetii Misoomawaa Baadiyyaaf xiyyeeffannaa olaanaan kennamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Milkaa’inaalee hojiirra olmaa Sagantaa Seeftineetii Misoomawaa Baadiyyaa fi kallattiilee fuuldureerratti Dooktar Girmaa Amanteen Daayrektara Misooma Qabeenya Humna Namaa Naannawaa Baha fi Gidduggaleessa Afrikaa Baankii Addunyaa Tiriinaa Haaqee waliin mari’ataniiru.

Sagantaan seeftineetii misoomawaa baadiyyaa wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiru jedhan.
Haaluma kanaan naannawaa baadiyyaatti lafa bosonni irraa manca’e deebisanii misoomsuun, misoomaa fi eegumsa qabeenya umamaa gaggeessuun hawaasa naannawaa baadiyyaa fayyadamtoota taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolaa kan jiruu fooyya’insa diinagdee gooroo keessatti sagantaa seeftineetii misoomawaa baadiyyaaf xiyyeeffannaa olaanaan akka kennamu hubachiisaniiru.

Tiriinaa Haaqee gama isaaniin, sagantaan seeftineetii misoomawaa baadiyyaan jireenya hawaasummaa fooyyessuuf sochiiwwan taasifamaa jiran bu’aa argamsiisuu ibsaniiru.

Fuuldurattis yaadamootaa fi kallattiiwwan fuulduree hammachiisuun hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #ethiopia

Comments (0)
Add Comment