Fooramniin Xaanaa dhimma Afrikaarratti furmaata Afrikaa fiduuf shoora olaanaa qaba – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Fooramniin Xaanaa rakkoo nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa keessa jiruuf furmaata Afrikaa kaa’uuf shoora olaanaa qabaachuu  Preezdaantiin  FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan

Fooramiin Xaanaa haala Nageenyaa fi tasgabbii  Afrikaarratti mari’atu yeroo 9ffaaf mata duree ‘yaada Paan Afrikaa nageenyaa fi misooma waaraa Afrikaaf ni cimsina’  jedhuun  gaggeeffamaa jira.

Waltajjii viidiyoo konfaransiin gaggeeffame kanarratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw fi komishinara Komishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii dabalatee hoggantoonni garaagaraa hirmaataniiru.

Fooramiin Xaanaa rakkoo nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa keessa jiruuf furmaata Afrikaa kaa’uuf shoora olaanaa qabaachuu  Preezdaantiin  FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.

Waliigaltee daldala bilisaa Afrikaaf Paan Afrikaniizimii jajjabeessuun Afrikaatti guddinaa itti fufaa fi nageenya waaraa argamsiisuurratti gumaacha olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Yeroo rakkisaa keessatti argaman kan jedhan Preezdaant Saahilawarq, weerarri Covid-19 fayyaa fi diinadgee idila addunyaarratti dhiibbaa qaqqabsiisuu eeraniiru.

Rakkoo kana keessaa ba’uuf sosochiin waliigaltee daldala bilisaa Afrikaa shoora guddaa qabaachuu hubachuun barbaachisaadha jedhan.

Miidhaa hundagaleessa weerarichi qaqqabsiise ittisuuf biyyoonni Afrikaa yeroo kamiiyyuu caalaa daldala waloo gaggeessuun faayidaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDR irraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment