Fooramiin walta’iinsa misoomaa fi nageenyaa Gaambeellaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaa hundeeffame

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Fooramiin walta’iinsa misoomaa fi nageenyaa Naannolee Gaambeellaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaa hundeeffameera.

Sagantaa hundeeffama fooramichaa Magaalaa Boongaatti gaggeeffamerratti Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalamii fi qondaaltonni olaanoon biroon argamaniiru.

Fooramii walta’iinsaa kun qajeelfamoota hordofu, sadarkaa raawwii, gurmaa’insa, qooda hojii fi ittigaafatama dabalatee hojiileen gaggeeffaman bal’inaan ifoomaniiru.

Obbo Binnaalfi Andu’aalam akka jedhanitti, naannoleen lameen jaalalaa fi waldanda’uun akkasumas walta’iinsaan yoo hojjetan sadarkaan diinagdee biyyattii ni fooyya’a.

Naannolee lameenitti rakkoolee nageenyaa kanaan dura mul’atan furuun gara misoomaatti fuulleffachuuf tattaaffiin taasifame kan galateeffachiisuudha jedhan.

Pireezidaantin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umod Ujuluun gama isaaniin, walta’iinsa gama hundaan ture seera qabeessa taasisuun bu’aa qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Ittaanaa Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon, fooramichi hariiroo hawaasummaa fi diinagdee seera qabeessa taasisuun waloon kan hojjetan ta’uu ragaan Kominikeeshinii Naannoo Gaambeellaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment