Fooramiin Tuuriiziimii Ityoo – Jiibuutii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Fooramiin Tuuriiziimii Ityoo – Jiibuutii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Ityoophiyaa fi Jiibuutii hariiroo hawaasummaa fi diingadee cimaa qabaachuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw ibsaniiru.
Damichaan hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
Fooramiin gaggeeffamaa jiru damicha guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Tuuriizimii Jiibuutii Mahaammad Abdulqaadir Muusaan gama isaaniin hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf mootummaan tattaaffii hedduu taasiisuu ibsaniiru.
Barreeffamoonni qabeenya kuufamaa Tuuriizimii biyyoonni lameen qaban ibsan Fooramicharratti dhiyaataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment