Fooramiin qindoomina qamolee haqaa hundeeffame

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Fooramiin qindoomina qaamolee haqaa naannoo Oromiyaa hundeeffame.

Fooramichi sirna haqaa naannichaa ammayyeesuuf ga’ee ni qabaata jedhameera.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa akka beeksisetti fooramiin hundaa’e, sadarkaa naannoo, godina, magaalaa fi sadarkaa aanaatti koree qindoominaa kan of keessaa qabudha.

Fooramichaan kooreen olaanoo filatameera.

Sanadni wal hubannoo hoggantoota olaanoo qaamolee haaqaa mallattaa’era.

Fooramiin qindoominaa kun fooyya’iinsa sirna haqaarratti ga’ee ni qabaata jedhameera.

Sirna haqaa fooyyessuun olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi mirgi namoomaa lammiilee akka kabajamuuf, ijaarsa sirna demokraasii keessatti qooda ol’aanaa qaba jedhameera.

Comments (0)
Add Comment