Fooramiin Ministiroota tokkummaa naannawaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa walabaa cimsa-Aadde Mufaariyat Kaamil

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC)- Fooramiin 4ffaa ministirootaa dhimmoota godaansaa Afrikaa Bahaa fi Naannawaa Gaanfa Afrikaa tokkummaa naannawaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa walabaa kan cimsu ta’uu Ministirri Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil.

Waltajjiin xumuraa Fooramii 4ffaan Ministirootaa Dhimmoota Godaansaa Afrikaa Bahaa fi Naannawaa Gaanfa Afrikaa gaggeeffameera.

Aadde Mufaariyaat Waltajjicharratti, Gamtaan Afrikaa barbaachisummaa tokkummaa naannawaa fi sochii daldalaa walabaaf xiyyeeffannaa kan kenne ta’us, bilisaan daddabarsi humna namaa galma hinga’u jedhaniiru.

Naannawichaatti rakkooleen garaagaraa kan furmaata hatattamaa barbaadan mudachaa jiraachuu kaasanii sochii walabaa humna namaa, bulchinsa godaansaa fi tokkummaa naannawaa barbaachisa jedhaniiru.

Biyyoonni miseensotaa fooramichaa odeeffannoo waljijjiiruu, bulchiinsaa godaansaa fi tokkummaa naannawaa koorniyaa bu’uureffatee fooyyessuu fi tattaaffiiwwan qindaa’aa taasisuun yeroo kamuu caalaa akka barbaachisu eeraniiru.

Ityoophiyaan fooramichaa duraa taa’ummaan baatiiwwan 12’f wayita hogganteetti bu’aalee qabatamaa hedduun galmaa’uu Aadde Mufaariyaat ibsanii, bulchiinsaa godaansaa koorniyaa bu’uureffate diriirsuu, hammattoowwanii fi caasaaleen dhaabbatummaa fi Ardiichaa dhugoomuu himuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment