Finfinnee, Onkololeessa 23, 2017 (FBC)- Fooramiin Miidiyaa fi Quunnamtii uummataa dantaa uummataa eegsisu galma godhatee hojjeta jira jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.
Waltajjiin fooramii waloo miidiyaalee Afaan Oromoo fi Qunnamtii Uummataa gaggeeffameera.
Fooramicharratti haasawaa kan taasisan Obbo Hayiluun, fooramiin waloo miidiyaalee Afaan Oromoo fi Qunnamtii Uummataa kun yaa’iinsa odeeffaannoo hogganuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uus dubbataniiru.
Ilaalcha faallaa sabdaneessuummaa ta’an cabsuu fi seennessa waloo ijaaruu keessattis hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Waltajjiin fooramii waloo kunis bakka Hoggantonni Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa, Miidiiyaalee Afaan Oromoo fi Daayrektaronni argamanitti gaggeeffamuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.