Fooramiin Magaalotaa Guraandhala 9-15, 2016 kabajama

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Fooramiin Magaalotaa baranaa Guraandhala 9-15, 2016 Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Walaayittaa Sooddootti kan kabajamu ta’uu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooma beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltuu Saaniin akka ibsanitti, fooramichi mata duree “Magaalota Ammayyaa’aan Badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun kan gaggeeffamuudha.

Manni hojii ministeerichaa Naanoo Kibbaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun fooramii 8ffaa qopheessu kanarratti magaalotaa 150 ol, dhaabbilee 20 fi kutaalee hawaasaa kuma 20 ol ta’an kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Fooramicharratti guddinni magaalotaa dameewwan hawaasummaa, siyaasaa fi diingadeen sadarkaa irraa jiran kan calaqqisiifamuudha jedhan.

Qaamolee guddina damichaaf gumaachanii fi misooma magaalotaaf gahee olaanaa qabaataan gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun magaalota gara daandii badhaadhinaa barbaadamuurra akka ga’an taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Magaalaa fi Bu’uuraale Misoomaa Kibba Itiyoophiyaa Obbo Birhaanuu Zawudee gama isaaniin, naannoorraa eegalee hanga sadarkaa godinaatti qophiileen duraa barbaachisan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantichaaf lafti hektaaraa 25 ol qophaa’uun hojin bu’uuralee misoomaa garaagaraa guutuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataan nageenya Magaalaa Sooddoo mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment