Fooramiin Magaalotaa 9ffaan gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 9ffaan Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Magaalaa Walayittaa Sooddootti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Fooramichi mata duree “Magaaloota Ammayya’an Badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffama jiraachuun ibsameera.
 
Fooramicharratti Ministira Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooma Aadde Caaltuu Saanii fi Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa akkasumas hoggantoonni olaanoo Fedeeralaa fi Naannoolee argamaniiru.
 
Guraandhala 9-15, 2016’tti kan gaggeeffamu fooramicharratti magaalonni 125 fi dhaabbileen daldalaa 50 ol ni hirmaatu jedhameera.
 
Beezaawwit Kabbadaatu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment