Fooramiin Magaalota Afrikaa yeroo jaqabaaf Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC)-Fooramiin Magaalota Afrikaa Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf qopheessite Magaalaa Finfinneetti gageeffamuu eegaleera.

Fooramichi mata duree “Misoomaa Magaalotaa Waaraa Ajandaa Ce’umsaa Afrikaa 2063’f“ jedhuun Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Fooramicharratti Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee , Bakka Bu’oonni Biyyoota Afrikaa 47 irra dhufan, Kantiboonni magaaloota Afrikaa, Abbootiin Amantaalee, fi qooda fudhattoonni biroon argamu TOI gabaaseera.

Fooramichi guyyoota sadiif kan gaggeeffamuu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment