Fooramiin Magaalota Afrikaa yeroo jalqabaaf Finfinneettii ni gaggeeffama – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC) – Fooramiin Magaalota Afrikaa yeroo jalqabaaf Hagayya 29, hanga Qaammee 1, 2016tti Ityoophiyaa Magaalaa Finfinneettii kan gaggeeffamu ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.

Sagantaa baniinsa Fooramiicha bakka hoggantoonni Gamtaa Afrikaa fi michootni misoomaa argamanitti guyyaa har’aa eegaluu himaniiru.

Galmoota Ajandaa 2063 Afrikaa badhaate fi walitti hidhamiinsa qabdu dhugoomsuuf gumaachi fooramiichaa guddaa ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan waltajjii sadarkaa ardii kana keessummeessuun alattis waltajjii muuxannoo misoomaa Magaaloota Afrikaaf kan dhiyeessitu ta’uus dubbataniiru.

Afrikaanonni saffisa baballinsa magalootaa fi rakkoolee misooma Magaalaa keessattii mudatan ejjennoo tokkoon furmaata tarsiimawaa akka laataniif waltajjichi qooda qabaachuu dubbataniiru.

Dhumarratti murtoowwan furmaata saffisa godaansaa fi misooma magaalaa Afrikaa irratti ejjennoon waloo kan itti qabatamu ta’uu Aadde Caaltuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment