Fooramiin Magaalota Afrikaa xumurame

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Fooramiin Magaalota Afrikaa sanada labsii waadaa Magaalummaa Afrikaa baasuun xumurame.

Fooramiin magaalota Afrikaa guyyoota sadan darbaniif Magaalaa Finfinnee Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taa’amaa ture har’a xumurameera.

Fooramichi qopheessummaa Itiyoophiyaan mata duree ‘Magaalummaa Waaraa Ce’umsa Afrikaaf’ jedhuun gaggeeffamaa ture.

Fooramiin magaalota Afrikaa guyyoota sadan darbaniif Magaalaa Finfinnee Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taa’amaa ture har’a xumurameera.

Fooramichi fooramii seena qabeessaa fi milkaa’aa ture jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

Labsiin Sanada Waadaa magaalummaa fooramichaan bahe faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Waltajjichi kan yaadannoon waloon itti calaqqisiifaman, muuxannoon itti qoodamee fi ce’umsa magaalummaa Afrikaaf shoora olaanaa qabaatu ture jedhan Aadde Caaltuun.

Kantibaa Itti Aanaan Magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraae Abbay gama isaaniin, Labsiin Sanada Waadaa magaalummaa kun bu’ura guddinaa kan ta’u waadaa magaalummaa ta’uu eeraniiru.

Magaalonni guddina waaraa kan itti mirkaneessan, rakkoo kan itti dandamatan, carraa hojii kan uumu, hammataa fi hariiroo magaalotaa kan cimsu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment