Fooramiin kantibaawwan Ityoophiyaa gaggeeffamuufi

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) –Fooramiin kantibaawwan Ityoophiyaa qopheessumaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee fi Ministeera Magaaloota fi Bu’uuraalee Misoomaan gaggeffamuuf ta’uu ibsame.

Fooramichi Eebla 21,2015 irra eegalee guyyoota lamaaf kan gaggeeffamuu ta’uu Ministirri Ministeera Magaaloota fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.

Fooramichaan Magaalonni muxxannoo isaanii kan itti walii qoodanii fi rakkoolee mudatan dhiyeessuun yaada wal jijjiruu jedhaniiru.

Fooramicharratti Pireezidaantoota naannoolee dabalatee kantibaawwan 300 ol ni hirmatuu jedhameera.

Guyyaa dhuma fooramicharratti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamuun haalaa hundagaleessa magaaloonni itti guddachuu danda’anirrati kallattii hojii ni ka’uu jedhameera.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment