Fooramiin Irreechaa 5ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Duudhaalee Irreechaa beeksiisuurratti kan xiyyeeffatu Fooramiin Irreechaa 5ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti hojiileen qorannoo fi qo’annoo ni dhiyaatuun eegama.

Fooramicharratti Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltota mootummaa, qeerroowwan, abbootiin gadaa fi haadholiin siinqee argamaniiru.

Fooramiin kun jala bultii ayyaana Irreechaa sababeeffachuun Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa kan qopheessu ta’uu eerameera.

Irreechi bara kanaa mata duree ‘Irreechi faajjii tokkummaa fi Obbolummaati’ jedhuun boruu fi iftaan ni kabajama.

Mulugeetaa Girmaa fi Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment