Fooramiin “Invest Ethiopia 2023” jalqabame

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)-Fooramiin “Invest Ethiopia 2023” kan dhaabbilee daldalaa idil-addunyaa fi abbootii qabeenyaa hirmaachise gaggeeffamuu eegaleera.

Baniinsa waltajjicharratti, Komishinarri Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee, Ministira Ministeera Maallaqaa Ahimad Shidee, abbootii qabeenyaa idil-addunyaa, dippilomaatota, michoota misoomaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.

Waltajjiin guyyoota sadiif turu mata duree “Itoophiyaa invastimantiin Badhaadhaa – lafa carraa invastimantii hawwataa qabdu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hoggantoonni dhaabbilee daldalaa fi abbootiin qabeenyaa addunyaa 600 ol ni hirmaatu jedhamee eegama.

Waltajjiin kun filmaatawwan invastimantii Ityoophiyaa hintuqamne addunyaatti beeksisuudhaaf carraa mijataa kan uumu ta’uu TOI gabaaseera.

Baankiin Daldala Ityoophiyaa fi Ityoo Teeleekoom akka michuu ijootti saganticha kan qopheessan yoo ta’u, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa michuu imala seera qabeessaa waltajjichaa ta’uun eerameera.

Waggoottan muraasa dhufan keessa invastimantiin Doolaara biiliyoona sadiitti dhiyaatu Ityoophiyaatti akka gaggeeffamu eegama jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment