Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC)- Fooramiin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Chayinaa dhabbileen Chaayinaa 300 ol irratti hirmaatan Shaanhaayitti gaggeeffameera.
Fooramicharratti Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Ministiraa Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi, Komishinarri Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen argamaniiru.
Itiyoophiyaan dameewwan xiyyeeffannaa kennituuf, qabeenyaa albuudaa qabduu fi haala mijataa invastimantii ishee ilaalchisee hoggantootaaf ibsa taasisaniiru.
Dhaabbileen Chaayinaa waltajjicharratti hirmaatanis dameewwan xiyyeeffannaa kanneenirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Fuuldurattis embaasichaa waliin ta’uun daawwannaa invastimantiin duraa taasisuun hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.