Fooramiin invastimantii fi daldalaa Ityoophiyaa Kuwaataritti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Fooramiin invastimantii fi daldalaa Ityoophiyaa guyyaa kaleessa Kuwaatar Dohaatti gaggeeffameera.

Fooramicharratti Kuwaatar kan jiraatan invatitaroonni, abbootiin qabeenyaa dhaabbilee fi hoggantoonni, namoonni dhuunfaa damee daldalaarratti bobba’an, bakka buutoonni hariiroo hawaasaa fi kanneen waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Akkasumaas Ministeera Dhimmaa Alaa Kuwaataritti hogganaan dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Abdurhaam Aldoosooriin dabalatee bakka buutonni wajjira mootummaa garagaraas hirmaataniiru.

Kuwaatarirri ergamtuun addaa fi ambaasaaddarri guutuun FDRI Saamiyaa Zakkaariyaa haasaa baniinsa foormaichaa taasisaniin hariiroo Ityoophiyaa fi Kuwaatar gidduu jiru sadarkaa guddarra ga’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti abbootiin qabeenya Kuwaatar damee qonnaa,fi hoteelaa fi turizimii akkasumaas oomisha qorichaa fi tajaajila fayyaarratti bobba’an jiraachus ibsameera.

Comments (0)
Add Comment