Fooramiin Invastimantii fi Daldalaa Ityoo-Turkii Ankaaraatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)–Fooramiin Invastimantii fi Daldalaa Ityoo-Turkii Ankaaraatti gaggeeffamaa jira.

Imbaasiin Ityoophiyaa Turkiitti Korporeeshinii abbootii Indaastirii waliin ta’uun fooramiin beeksisaa daldalaa alaa fi invastimantii biyyatti Turkii Ankaaraatti gaggeeffamaa jira.

Fooramichaan Turkiitti abbootiin qabeenya dameewwan adda addaarratti bobba’aan 100 ol akkasumas miseensonni mana maree waldaa daldalaa Ityoophiyaa hirmaataniiru.

Preezdaantiin Korporeeshinii abbootii qabeenya Turkii Faarduun Siivaahiroogluu haasaa saaqinsaa taasisaniin, korporeeshinichi dhaabbilee kuma 25 ol miseensummaan haammachuun abbootii qabeenya biyyatti biyyoota biroon waliin wal agarsiisuun hariiroo invastimantii fi daldalaa cimsuun hojjechaa akka jiru himaniiru.

Dabalataanis korporeeshinichi dhiyeenyatti biiroo Finfinneetti akka banuu beeksisaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment