Fooramiin Interpiraayizoota Xixiqqaa fi Giddugaleessaa Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)- Fooramii Interpiraayizoota Xixiqqaa fi Giddugaleessaa Gamtaa Afrikaa 2ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Fooramichi Dippaartimantii Diinagdee, Daldalaa fi Tuurizimii Gamtaa Afrikaan kan qopha’eedha.

Waltajjicharratti dargaggoota hojii uumtota jalqabbiirraa jiran, ogummaa fi hojii uumuun akka jajjabaataniif imammatoota dandeessisan bocuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa, qabeenya isaanii hojiilee ivastimantii dhaabbilee garaagaraarra akka oolchanii fi qaamoleen qooda fudhattootaas interpiraayizootaaf deeggarsa akka taasisan kan tumsuudha jedhameera.

Interpiraayizoonni teeknooloojiiwwan haaraa, oomishaalee fi tajaajiloota isaanii akka beeksisan gahee olaanaa ni bahatu jedhameera.

Fooramichi galma gamtichaatti har’aarraa eegalee hanga Fulbaana 8, 2016tti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Gamtaa Afrikaatti Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment