Fooramiin Intalajensii Raayyaa Ittisaa Baha Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Fooramiin Intalajensii Raayyaa Ittisaa Baha Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Fooramicharratti Ityoophiyaa dabalatee Ofiisaroonni Intalajensii Raayyaa Ittisaa Jibuutii, Somaaliyaa, Sudaan, Ugaandaa fi Taanzaaniyaa hirmaachuu ibsameera.

Fooramichi carraa gaarii nageenya naannawichaa jiru akkasumas rakkoolee jiran adda baasuun waljijjiirraa odeeffannoo fi muuxannoo taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Hogganaan qajeelcha olaanaa Raayyaa Ittisaa FDRI Leetenaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa haasaa waltajjicharratti taasisaniin carraa gaariis ta’e yaaddoon bakka tokko jiru bakkicha qofatti kan dhaabbatu waan hin taaneef waljijjiirraa odeeffannoo fi waliin ta’uun nageenya biyyoota Baha Afrikaa kan itti eegamu waliigaltee uumuuf fooramii qophaa’e ta’uu eeraniiru.

Gareen Shorokeessitootaa Baha Afrikaa keessa socho’an hedduun jiraachuu kaasuun haleellaa gareen shorokeessitootaa qaqqabsiisan waliin ittisuuf xiinxala odeeffannoo duraa fi qophii taasisuuf waliigalteerra ga’uu kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Fooramichi guyyaa har’aa dabalatee guyyoota lamaaf kan turudha.

Qonjit Zawdeetu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment