Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Fooramiin hedduuminaa biyyaalessaa jalqabaa magaalaa Dirree Dawaatti gaggeeffameera.
Fooramicharratti magaalaa Dirree Dawaa dabalatee qaamoleen dhimmamtootaa kutaalee biyyattii garaagaraa hirmaataniiru.
Fooramichi mata duree “haammatummaa fi hedduumina mirkaneessuun aadaa Siyaasaa guddisuu dandeessisa” jedhuun gaggeeffameera.
Guyyaan hedduminaa adda ba’ee osoo hin taane hojii guyya guyyaa ta’uu akka qabu fooramichaan ibsameera.
Ityoophiyaan biyyoota akka hindii heddumina haalaan hojiirra oolchaa jiranirraa muuxannoo fudhachuu akka qabdu eerameera.
Ittaanaan kantiibaa magaalaa Dirre Dawaa obbo Harbii Buuhi gamasaaniin biyya misoomni ishee mirkanaa’e uumuuf hedduminarratti xiyyeeffatanii hojjechuun kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan heddumina qabdutti akka fayyadamtuuf ga’een dhaabbilee barnoota olaanoo guddaa ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaahi Adam kaasaniiru.
Yuunvarsiitichi ga’eesaa kana ba’achuuf fooramicha qopheessuu dubbataniiru.
Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.