Fooramiin gorsaa dippiloomaasii diyaaspooraa Idil Addunyaa hundeeffame

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)-Fooramiin Gorsaa Dippiloomaasii Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Idil Addunyaa hundeeffame.

Mariin Paanaalii adeemsa diyaaspooraa Itiyoophiyaa hirmaachisuu keessatti qormaatilee mudatan, bu’aalee argamanii fi hojiilee fuuldureerratti xiyyeeffate Goodambaa Saayinsiitti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Fooramiin Gorsaa Dippiloomaasii Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Idil Addunyaa kan hundeeffame yoo ta’u, fooramichi Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraatan misooma biyyaarratti daran akka hirmaatan taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan, lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan dameewwan misoomaarratti hirmaannaa jajjabeessaa taasisaa jiraachuu himan.

Hirmaannaa kanas gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment