Fooramiin filannoowwan invastimantii adda addaarratti xiyyeeffate Hinditti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC)- Fooramiin filannoowwan invastimantii adda addaarratti xiyyeeffate Hinditti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Hinditti Imbaasiin Ityoophiyaa, Komiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa fi Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan indastirii waliin ta’uun fooramiin filannoowwan invastimantii adda addaarratti xiyyeeffate Hindi magaalaa Cheenaayuutti gaggeeffamaa jira.

Fooramichaan filannoowwan invastimantii Faarmaasiiyuutiikaal,Teeksitaayiil akkasumas indaastirii Agroorratti abbootii qabeenyaa Hindi waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Maricharrattis abbootiin qabeenya Hindi 97 ol ta’aan hirmaataa jiraachuu ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan indastiriirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment