Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC)- Fooramiin fayyadamummaa itti fufiinsa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaarratti xiyyeeffatee dhaabbilee barnoota olaanoon Yuunvarsiitii Asoosaatti eegaleera.
Fooramichi mata duree ‘ tumsaa fi hirmaannaa hayyootaa fayyadamummaa itti fufiinsaa Hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaa’ jedhuun gaggeeffama jira.
Fooramicharratti Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee Barnoota olaanoo Proofeeseer Afawarq Kaasuu, daayreektarri olaanaa Mana Maree qindeessaa hirmaannaa ummataa biyyaalessaa Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa Dooktar Aragaawwii Baarheen dabalatee hoggantoonni olaanoo federaa fi naannolee hirmaataniiru.
Fooramichi guyyoota 2f akka turu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz irraa argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.