Fooramiin Daldalaa fi Invastimantii Ityoo – Kaanaadaa 4ffaan Tooroontootti eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC) – Fooramiin Daldalaa fi Invastimantii Ityoo – Kaanaadaa 4ffaan magaalaa Tooroontootti eegalameera.

Ministirri Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Goofeen fooramicharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Fooramichi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsuu fi carraalee Invastimantii Ityoophiyaa beeksisuuf qooda olaanaa qabaachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Akkasumas daldala Alaa Ityoophiyaa babal’isuufis murteessaa ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment