Fooramiin bizinasii Ityoo-Kanaadaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Fooramiin bizinasii Ityoo-Kanaadaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaa 100 fi kan Kanaadaa 20 hirmaachaa jiru.

Fooramii bizinasichaarratti abbootiin qabeenyaa Kanaadaa damee daldalaa Ityoophiyaatti gita isaanii Ityoophiyaa waliin haala isaan waliin hojjechuu dandeessisu irratti mari’achaa jiru.

Muummeen ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoon fi miseensoonni garee jila bizinasii Kanaadaa  kaleessa Finfinnee galuunsanii ni yaadatama.

Jilichi damee qonnaa, infoormaashin kominikeeshin teeknooloojiifi kanneen biroo kan of keessatti qabatedha.

Comments (0)
Add Comment