Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Fooramiin Biiznasii Ityoophiyaa fi Paakiistaan magaalaa Kaaraachiitti eegalameera.
Ityoophiyaa fi Paakiistaan waggoottaan shanan darban hariiroo dippiloomaasii fi daldalaa isaanii cimsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan fooramicharratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Ityoophiyaan Invastimantii alaa caalmaatti hawwachuuf fooyya’iinsa imaammataa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Waljijjiirraan daldalaa Paakiistaanii fi Ityoophiyaa gidduu jiru akka cimuuf mootummaan Ityoophiyaa murannoo hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Ministir Deetaan Abbaa Taayitaa Daldalaa fi Misooma Paakistaan Zuubeer Mootiwaataan gama isaaniin Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa gara Karaachitti balallii eegaluun hariiroo Paakiistaan Ityoophiyaa qabduuf qofa osoon hin taane Afrikaa waliin hariiroo qabdu cimsuuf carraa kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.
Hariiroo Paakiistaan Afrikaa waliin qabduuf Ityoophiyaan biyya ijoo ta’uu kaasaniiru.
Paakiistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakaris, mootummaan Ityoophiyaa hariiroo dippiloomaasii Paakiistaan waliin qabu cimsuuf murannoo hojjechaa jiraachuu eeraniiru.