Fooramiin 8ffaan Walta’iinsa Indaastiriiwwan Idil Addunyaa eegale

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Fooramiin 8ffaan Walta’iinsa Indaastiriiwwan Idil Addunyaa Turki Magaalaa Istaanbulitti gaggeeffamuu eegaleera.

Kaayyoon fooramichas daldaltootaa Turkii fi Afrikaa gidduu walta’iinsa jiru guddisuu fi oomishaalee indaastiriiwwan oomishaa xixiqqaa fi giddugaleessaa Turki beeksisuuf ta’uun eerameera.

Abbootiin qabeenyaa dhaabbilee biyyoota 54 irraa walitti baba’anii fi oomishaaleen dhaabilee Turki 400 olii dhiyaateera.

Fooramicharratti hirmaatonni kuma 1 fi 500 ol hirmaachaa jiraachuun ragaan Turkitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fooramicharratti indaastiriiwwan maanufaakachariingii, dhaabbileen fichisiistotaa fi alergitootaa 20’tti dhiyaatan hirmaachaa jiraachuu fi gitoota isaanii Turki waliinis mari’chuun eerameera.

Fooramichi hanga boruutti tura jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment