Fooramii magaalota Afrikaa jalqabaa goda hambaa yaadannoo injifannoo Adwaa Galma Paan-Afrikaatti gaggeessaa jirra- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC)- Fooramii magaalota Afrikaa jalqabaa goda hambaa yaadannoo injifannoo Adwaa Galma Paan-Afrikaatti gaggeessaa jirra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abebeen.
Afrikaa guutuu fi biyyoota biroo irraa kan dhufan Ministeerota, Kantiibota,qorattoota damichaa fi akkasumas qooda fudhattoota damichaa gara magaalaa keessan lammaffaa baga nagaan dhuftan jennee simannee jirra.
Itoophiyaan sosochiin Paan-Afrikaa kan itti dhalate mataa bilisummaa Afrikaati. Kan har’a keessatti wal geenyee yaadannoo bu’aa kanaa akka ta’uuf kan moggaafame galma paan-Afrikaati.
Magaalonni Afrikaa humna dilbii qaban karaa itti fayyadamuu danda’an irratti kan mari’atamu waltajjiin kuni Finfinneen jiraattota ishee hirmaachistee jireenyaaf mijattuu,Magariisaa fi tokkummaan ishee kan eegame fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf hojiilee hojjenne hirmaattota fooramiitiif dhiheessinee jirra.
Yeroon dhufu adda durummaan Afrikaatti kan uumamu guddina ariifataa fi balbal’ina magaalotaaf ammuma irraa qophee taasisuuf magaalonni Afrikaa yeroo kamuu caalaa walitti dhihaatanii muuxannoo wal jijjiiruun hojjechutu irraa eegama.
Jijjiiramni Magaalota Afrikaa diinagdee Ardichaaf,misoomaaf kana caalaa motora ta’ee kan tajaajilu yemmuu ta’u humna magaalaa keenyaa fayyadamuuf hooggantoonni gahee bakka bu’aa hin qabne kan taphatan waan ta’eef, waltajjiileen marii akkaanaa muuxannoo wal jijjiiruu fi tumsaan hojjechuuf gahee olaanaa kan taphatan ta’u ibsaniiru.
Addunyaa garaagaraa fi biyyoota Afrikaa irraa waltajjii kana irratti hirmaachuuf kan dhuftan keessummoonni keenya tessoo keessan lammaffaa kan taatee Finfinneetti turtiin qabaattan milkaa’ina guutuu fi miidhagaa akka ta’un hawwaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment