Finfinnee, Eebla 20, 2015(FBC)- Fooramiin Invastimantii guyyoota sadiif magaalaa Finfinneetti gaggeeffame dhaabbileen alaa hojii invastimantii Ityoophiyaarratti akka bobba’aniif carraa uumuu ibsameera.
Fooramiin dandeettii invastimantii Ityoophiyaa beeksisuurratti kaayyeffate “ Invast Ityoophiyaa 2023” guyyoota sadiif magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa goolabameera.
Fooramichi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa beeksisuu Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen ibsaniiru.
Kana malees fooramichi dhaabbileen alaa haaraan gara damee invastimantiitti akka galaniif carraa uumuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Dhaabbilee gurguddoo idil addunyaa 5 dabalatee dhaabbilee biro waliin waliigaltee invastimantii taasisuun fooramichi milkaa’inaan xumuramuu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.