Fooramichi abbootiin qabeenyaa qonnarratti hubannoo qabaatanii akka hojjetan tumsa-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Fooramiin Invastimantii Qonnaa Biyyaalessaa abbootiin qabeenyaa qonnaarratti hubannoo qabaatanii akka hojjetan kan tumsu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Fooramicha ilaalchisee, Dooktar Girmaan garee Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa, misooma qamadii jallisii fi sagantaa maaddii guutuurratti Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jirurraa biyyoonni Afrikaa hedduun muuxannoo qooddachuu dubbataniiru.

Gorsaan Dhimma Diinagdee Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Dooktar Maaksiimoo Toreeroo gama isaaniin, Itiyoophiyaan damee qonnaan bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu fi dhaabbanni isaanii deeggarsa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu himuu ibsuu ragaan Ministeera Qonnaaraa argame ni mul’isa.

Fooramichi borurraa eegalee mata duree “Qabeenyaa damee qonnaa haa fayyadamu” jedhuun gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment