Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu hinmilkaa’u-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)-Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu kan hinmilkoofne ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimma nageenyaa biyyattii ilaalchisuun ibsa paarlaamaaf kennaniin Itiyoophiyaan barootaa dheeraaf maraamartoo waraanaa keessa kan dabarte ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan wareegamaa nageenyaaf kaffalamu kamuu kaffaluuf qophii ta’uus kaasaniiru.
Yeroowwan darbanittis mootummaan nageenyaaf dursa kennuun gara bal’inaan fageenyaa dheeraa imaluu kaasaanii, Itiyoophiyaa keessaatti walitti bu’iinsaa fi waraanaan aangoo qabachuun gonkumaa akka hindanda’amnes dubbataniiru.
Itiyoophiyaaf kan wayyu yoomiyyuu nagaa fi karaa tasgabbaa’aan mari’achuun rakkoolee furuudha jedhan.
Keessumaa nageenyaa Naannoo Oromiya fi Amaaraa ilaalchisuun ibsa kennaaniin, qaamolee hidhatanii naannolee lameen socho’an karaa nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiiwwan olaanaan hanga jaarsummaa itti erguutti mootummaan yaalii taasisuu ibsaniiru.
Ammallee rincicummaan kan mul’atu ta’us, mootummaan akkumaa yeroo kamuu mariidhaaf qophii ta’uu irra deebiin ibsaniiru.
“Kilaashii sadii qabatanii kiiloon 4 itti mul’atee kanneen sochii taasisan, wayita qimmiidaman ajjeechaa jumlaatii jedhu” kan jedhan Ministirri Muummee, mootummaan karaa qaroomeen mariidhaan akka furaman dursa kennuu akka dadhabinaatti ilaalanis, mootummaan kan kaleessaa caalaa jabaatee ijaaramuu himaniiru.
Fonqolchi mootummaas kana booda Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu akka hinmilkoofnee kaasaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment