FMC fi Yuunivarsiitiin Boongaa waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii fi Yuunivarsiitiin Boongaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Dhaabbiileen lameen ijaarsa Piroojektii buufata Raadiyoo hawaasa Yuunivarsiitii boongaa ifatti eegalchiisuuf waliigalticha mallatteessuun ibsameera.

Waliigaltichaa Hoji Raawwachiisaa Olaanaan FMC Obbo Admaasuu Daamxoo fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Boongaa Dooktar Pheexiroos Waldagiyoorgiis mallatteessaniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan FMC Obbo Admaasuun haasawaa taasisaniin,Yuunivarsiitichi wayita Faanaan dandeetti isaa cimsee caaseeffama isaa bal’ifateetti Faanaa filachuun isaa filannoo sirrii ta’uu dubbataniiru.

Dooktar Pheexiroos Waldagiyoorgiis gamasaaniin, dhaabbanni isaanii hojiilee gama Barnootaa, qorannoo fi qo’annoon hojjetu hawaasaaf beeksiisuuf FMC Miidiyaa dhaqqabummaa bal’aa qabu ta’uu ibsaniiru.

Fireew Alammayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment