Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii fi Dhaabbanni Raadiyoo fi Televizhinii biyyaalessaa Chaayinaa tumsaan hojjechuuf waliigaluun ibsame.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon, Embaasii Chaayinaa Itiyoophiyaatti Gorsaa Damee Aadaa Zhaang Yaawee fi Itti aanaa Daayirektara Tumsa Diingadee fi Teeknikaa Chaayinaa Feeng Boo waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, FMC’n afaanoota biyya keessaa saddeetii fi kan biyya alaa lamaan karaa Televizhinii ,Raadiyoo fi Miidiyaa Diijitaalaan tamsaasaa jiraachuu Obbo Admaasuun himaniiru.
Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhinii biyyaalessaa Chaayinaa waliin dameelee garaagaraan waloon hojjechuuf waliigalteen taasifamuu ibsuun, walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.
Haaluma kanaan hojiilee hariiroo ummattootaa cimsan, Aartii, kalaqaafi dhimmoota biroorratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf waliigaluun eerameera.
Embaasii Chaayinaa Itiyoophiyaatti Gorsa Damee Aadaa Zhaang Yaaween gamasaaniin, biyyi isaanii damichaan pirojektiwwan garagraa qabaachuu eeruun, dameelee kanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Yonaas Geetinnatitu gabaase.