Firehiiwot Taammiruu Badhaasa Festivaala Filmii “Focus On Ability” injifatte

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)- Gaazexeessituu Firehiiwot Taammiruu Badhaasa Festivaala Filmii “Focus On Ability” injifatte.

Firehiiwot Taammiruu feestivaala fiilmii gabaabaa qaamaa miidhamtotaarratti xiyyeeffachuun Awustiraaliyaatti gaggeeffameerratti seenaa dhuunfaa isheen hirmaatteetti.

Haaluma kanaan, karaa onlaayiniin sagalee kennameen addunyaarraa sadarkaa 1ffaan dorgommicha injifachuu dandeesseetti.

Injifataan badhaashichaas Doolaara Austiraaliyaa kuma shan kan argatuu fi Akkaadaamii Aartii Filmii fi Teeleviizhinii Ameerikaatti carraan barnootaa kan mijatuuf ta’uu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment