Firaashii keessa dhokfamuun kan dabarfamaa ture baalli sammuu hadoochu Kg 80 to’atame

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC)- Firaashii keessa dhokfamuun kan daddabarfamaa ture baalli sammuu hadoochu Kiiloo Giraamni 80 to’atamuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Gaambeellaa beeksisie.

Komishinarri Komishinichaa Umod Umod akka ibsanitti, baalaa sammuu hadoochuu ‘Kaanaabiis’ jedhamuu kiiloo giraamaa 80 firaashii 10 keessa dhokfamuun dabarfamaa ture eeruu ummatarraa qaqqabeen to’atameera.

Baalicha daddabarsaa kan ture shakkamaan tokko to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus himaniiru.

Hawaasni farraa fayyaa kan ta’e biqilaa kamuu misoomee yoo argan saaxiluun qaamolee nageenyaaf akka dabarsaan dhaamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment