Finxaaleyyiin kufaatii irra ga’een abdii kutachuun tarkaanfii haaloo ba’iinsaa fudhachaa jiru-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Qindoomina ummataa fi qaamolee nageenyaan gareewwan finxaaleyyiin injifatamani abdii kutachuun kufaatti irra ga’eef tarkaanfii haaloo ba’iinsa fudhachaa jiraachuu isaanii Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Obbo Dammaqaan dhimmicha ilaalchisuun toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, yaaliin Naannoo Gaambeellaatti taasisan wayita fashalaa’u, Wallagga Lixaa Gimbiitti lammiilee nagaa daa’immanii fi dubartootarra haleellaan ga’e gaddisisaadha jedhan.

Keessumaa naannawaa garagaraatti gareewwan finxaaleyyiin tarkaanfii walfakkaataa fudhatamaa jiruun lammiilee nagaarra miidhaa qaqqabeef gaddaa isaaniitti dhaga’ame ibsaniiru.

Mootummaadhaan tarkaanfiin olaantumaa seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniru.

Fuuldurattis, maatii miidhamtoota jajjabessuu, deeggaruu fi deebisanii dandamachiisuun xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu fi hojiin fiinxaaleyyii seeratti dhiyeessuu cimee itti fufa jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment