Finfinnee, Amajjii 21, 2015 (FBC)- Baatiiwwan 6’n darban weearara lafaa, daldala seeraan alaa dabalatee, kanneen seera cabsan 263 irratti tarkaanfii fudhachuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Beeksise.
Hoji Gaggeessaan Abbaa Taayitichaa Ajajaa Kumaa Zarihuun Tafarraa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif akka ibsaniitti, Magaalaa Finfinneetti gochaalee seeraan alaa mul’atan ittisuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu ibsameera.
Bu’uuruma kanaan weerara lafaa, daldala seeran alaa, gochaalee burjaajessoo, beeksisa seeraan alaa akkasumas gochaalee seeraan alaa biroo irratti to’annoo barbaachisaa taasisuu kaasaniiru.
Baatiiwwan ja’an darban kutaalee magaalatti hundatti lafaa weeraraan qabamanii turan kuma 5 fi 641 turan deebisuun faayidaa ummataaf oolchuun akka danda’ame dubbataniiru.
Gama biraatiin magaalatti naannawaa garaagraatti daldala seeraan alaarratti kan bobba’an daldaltootaa seeraan alaa kuma 35 fi 154 irratti tarkaanfiin fudhatamuu kaasniiru.
Naannawaa manneen barnootaattiis gochaalee jeeqoo kan raawwatan qaamolee 626 irratti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru.
Dabalataan hoteelota garaagaraatti haala hinbaratamneen qaamolee baalaa sammuu hadoochuu fayyadamsiisan kuma 1 fi 726 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Beeksisoota sadarkaa isaanii hineegganne kanneen maxxansan daldaltoota kuma 204 ol irratti tarkaanfiin akka fudhatame eeruun, waliigalaan abbaan taayitichaa baatiiwwan ja’an darbanitti qaamolee dambii cabsan kuma 263 fi 907 irratti tarkaanfii akka fudhatee himaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.