Finfinneetti walakkaa waggaatti dargaggoota kuma 104 carraan hojii uumamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti walakkaa waggaa kanaatti dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 4f carraan hojii uumamuun ibsame.

Baatiiwwan 6n darbanitti dargaggoota hoji dhabeeyyii kuma dhibba 1 fi kuma 25 galmaa’an keessaa dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 4 oliif carraa hojii uumuu isaa Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Misooma Intarpiraayizii Finfinnee beeksiseera.

Biirichi baatiiwwan 6n dhufan keessas carraa hojii bal’aa uumuuf gosoota hojii adda baasaa jiraachuu ibseera.

Akkasumas hojii dhabeeyyii galmeessuu fi calaluu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ifoomsera.

Biirichi bara baajataa 2012tti hojii dhabeeyyii kuma dhibba 2 fi kuma 50f carraa hojii uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ragaan seekreetaariiyaatii preesii bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

 

Comments (0)
Add Comment