Finfinneetti Shamarraan kumni 29 ol talaallii ittisa Kaansarii Fiixee gadaameessaa fudhachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Shamarraan kumni 29 ol talaallii ittisa Kaansarii Fiixee gadaameessaa fudhachuu isaanii itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Aadaanachi Abeebee ibsaniiru.
Bara 2013 shamarraan kuma 49 oliif talaallii ittisa dhibee Kaansarii Fiixee Gadaameessaa laachuuf karoorfamuu himaniiru.
Hanga ammaattis Shamarraan kuma 29 oliif laatamuu ibsaniiru.
Magaalichaatti Amajjii 17, 2013 eegalee manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaa hunda keessatti talaallichi kennamaa jiraachuu kaasaniiru.
Hanga Amajjii 27, 2013tti kan itti fufu ta’uus himaniiru.
Aadde Adaanachi talaallichi shamarran bira akka ga’u maatii, ogeeyyii fayyaa, barsiisoota, hoggantoota sadarkaan jiranii fi qaamolee gumaacha taasiisan hunda galeetaaffataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment